Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 106 ol waliif mallatteessan

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Fandiin Misooma Qonnaa Idil Addunyaa(IFAD) deeggarsa maallaqaa Doolaara miiliyoona 106.54 waliif mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideefi Fandii Misooma Qonnaa Idil Addunyaatti Daayrektarri naannawaa Bahaafi Kibba Afrikaa Saaraa Mibaangoo Buun mallatteessaniiru.

Doolaara miiliyoonni 78.2 IFAD irraa, miiliyoonni 17.84 Gamtaa Awurooppaarraa, miiliyoonni 10.5 ammoo ASAP Grant irraa kan walitti qabame ta’uu eerameera.

Deeggarsichi hojiirra oolmaa sagantaa qonna hirmaachisaafi jijjiirama qabeenya qilleensaaf kan oolu jedhameera.

Kaayyoon sagantichaa gandoota baadiyyaa filataman keessatti galiifi haala nyaataa maatii kuma 150 waaraan fooyyessuuf akkasumas dandeettii dandamannaa jijjiirama qabeenya qilleensaa cimsuuf ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.