Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan daangaa biyyoota ollaarratti keellawwan 5 dabalataan banuufi

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan daangaa biyyoota ollaarratti keellawwan 5 dabalataan Baatii 2 keessatti banuufi jedhame.
 
Keellawwan kunneen weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf haala mijataa kan uuman ta’uu Eejansiin Immigreeshinii Lammummaa fi Taateewwanii beeksiseera.
 
Eejansichi Faanaa Broodkaastiing Koorpooreetif akka himeetti, keellawwan kun naannoo Afaar, Soomaalee, Amaaraa fi daangaa Dirree Daawaatti ta’uu ibseera.
 
Daangaawwan biyyoota ollaarrati keellawwan 12 jiraatanis namoota karaa seeraan alaan daangaa qaxxaamuran to’achuun hin danda’mne jedhame.
 
Bu’uruma kanaana koreen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hundaa’e qaamoolee dhaabbilee garaagaraarra walitti babba’an waliin naannoo daangaa biyyoota ollaatti daawwannaa taasisuu himameera.
 
Wayita daawwanna hanqinaalee adda ba’an ka’umsa godhachuun keellawwan 5n dabalataan akka banaman murtaa’uu isaa daayreektarri Koominiikeeshinii eejansichaa obbo Dassaaleenyi Tarreessaan dubbataniiru.
 
Tibba darbe namoonni kumni 22 ol karaa seeran ala gama daangaa Afaarii fi Jiibuutiin gara Ityoophiyaa galuuf yeroo jedhan to’atamuun tursa dirqii Samaraa keessatti kan argaman ta’uu obbo Dassaaleenyi himaniiru.
 
Koreen kun qorannoo dabalataa gaggeessuuf garee qorattootaa gara naannoo daangawwaniitti erguuf akka ta’es himameera.
 
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.