Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan damee daandii baaburaan galii argamsiisuuf hojjechaa jirti- Aadde Daagimaawit mogaas

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogas Ityoophiyaan damee daandii baaburaa misoomsuun galii argamsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Dhaabbanni Geejjiba Baaburaa Idil-addunyaa fi Daandiin Baaburaa Ityoo- Jibuutii tiin mariin karaa Tekinooloojii qunnamtiin mata duree ‘Deeggarsa daandii Baaburaa Afriikaa fi Ilaalcha misooma naannichaa’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Maricha irratti hirmaachaa kan jiran Ministirri Geejjibaa aadde Daagimaawit Mogaas,Ityoophiyaan damee Daandii Baaburaa misoomsuun galii olaanaa irraa argachuuf hojjechaa jirti jedhan.
Kana milkeessuuf dhaabbilee idil-addunyaafii deeggartoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.