Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan damee maraan ce’umsa teekinooloojii fiduuf hojjechaa jirti- Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Ityoophiyaan damee maraan ce’umsa teekinooloojii fiduuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan.

Sirni jalqabsiisa Tarsiimoo Waggaa 5 Faawundeeshinii Teekonooloojii Qonnaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Faawundeeshiniin Teekinooloojii Qonnaa Afrikaa tarsiimoo waggoota 5 isaa Ityoophiyaatti eegalchiisuun hiikkaa addaa qabaachuu Dooktar Ballaxaan ibsaniiru.

Tarsiimochi guddinaafi misooma Afrikaa teekinooloojiin mirkaneessuuf kutannoo olaanaa qabaachuu eeruun, hojiirra oolmaasaafi lammiileerratti jijjiirama fiduuf kaka’umsa uumeera jedhan.

Ministeerri Innooveeshiniifi Teekinooloojii Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Ityoophiyaafi Faawundeeshinii Teekonooloojii Afrikaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu addeessaniiru.

Damee teekonooloojiin yaadota wixineeffaman hojiirra oolchuuf akkasumas Afrikaan saayinsii, teekinooloojiifi kalaqarratti hojjechuu akka dandeessu agarsiisuu qabna jechuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.