Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan humni qabdu tamsa’ina vaayrasichaa ittisuu fi to’achuu akka ta’e hubatamuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan humni qabdu tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuu akka ta’e hubatamee hojjetamuu qaba jedhe Boordiin Qorannaa labsii yeroo ariifachiisaa beeksise.
 
Boordichi ittisaa fi to’annoo vaayrasichaarratti hojii magaalaa Sandaafaa Bakkee daawwateera.
 
Vaayrasicha ittisuuf hojiileen deeggarsaa fi hubannaa uumuu hojjetamuun ibsameera.
 
Hojiin misoomaas akka hin miidhamnetti tamsa’inicha ittisuu fi to’achuuf hojjetamaa jiraachutu ibsame.
 
Itti aanaan walitti qabaa boordichaa obbo Tasfaayee Dhaabaan hojiin hubannaa uumuurratti hojjetame bu’a qabeessummaarratti akka xiyyeeffatu dhaamaniiru.
 
Garichi tibbana magaalaa Adaamaatti hojii ittisaa fi to’annoo hojjetamaa jiru daawwatee gamaaggamuun isaa ni yaadatama.
 
Jilli boordichaa biqiltuu dhaabuun ga’eesaa ba’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.