Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo kamuu keessa jiraattus Badhaadhina ishee mirkaneessuuf duubatti hin deebitu – Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo kamuu keessa jiraattus Badhaadhinaa fi misooma ishee mirkaneessuuf duubatti hin deebitu  jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.

Dooktar Fitsum Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Niwuuzlaand Ambaasaaddar Mikaa’eel Apitan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinn hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa kan lakkoofsiise ta’uu ibsuun, biyyoonni lamaan hariiroo dameewwan misoomaa garaagaraa qabaachuu kaasaniiru.

Niwuuzlaand tumsa misoomaa dameewwan qonnaa, daldalaa, Indaastirii, jijjiirrama qabeenya qilleensaa fi Invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu Ambaasaaddar Mikaa’eel Apitan ibsaniiru.

Hariiroo daldalaa naannichaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf qaamolee idil addunyaa dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu isaanii raga Ministeera Pilaanii fi Misoomarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.