Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee furachuuf ga’umsa qabdi – Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Baangilaadeesh

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee furachuuf ga’umsa qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Baangilaadeesh Maazruul Islaam ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Baangilaadeesh Maazruul Islaam waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Baangilaadeesh hariiroo bara dheeraa qabaachuu Ambaasaaddar Maazruul eeraniiru.

Biyyi isaanii rakkoo waqtaawaa Ityoophiyaa kan hubattu ta’uu fi rakkoo ishee mudate gidduu seentummaa tokko malee furachuuf ga’umsa qabaachuu eeraniiru.

Yeroo rakkoo kanatti Baangilaadeesh Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni muul’isa.

Miidiyaaleen addunyaa Ityoophiyaa ilaalchisee gabaasni hojjetan dhugaarraa kan fagaatee fi haala qabatamaa biyyittii kan hin ibsine ta’uu himaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.