Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan talaallii Covid – 19 argachuuf gaaffii dhiyeessite

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan dhaabbata deeggarsa laataa talaallii idila addunyaa Koovaaksii jedhamurraa talaallii Covid –19 argachuuf gaaffii dhiyeessite.
Qoratamaa kan jiru qorichi aadaa qorannoo laabraatoorii sadarkaa jalqabaa darbuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Ityoophiyaan talaallii Covid -19 argachuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu Dooktar Liyaan ibsa har’a laataniin eeraniiru.
Sadarkaa idila addunyaatti talaalliwaan garaagaraa sadarkaa gaariirra ga’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan talaallicha argachuuf qophii duraa taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Keessattuu talaallicha bifa madaallawaa ta’een raabsuuf hojjechaa kan jiru dhaabbata deeggarsa laataa talaallii idila addunyaa Koovaaksii jedhamurraa talaallicha ariitiin argachuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Liyaan eeraniiru.
Talaallicha argachuuf haalawwan duraa barbaachisan guutuuf koreen dhaabbatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Talaallicha baay’inaan galchuuf fedhii baajataa dabalataa barbaachisu Baankiin Addunyaa deeggarsa akka taasiisu dhaabbaticha waliin mari’atamaa jiraachuus dubbataniiru.
Qoratamaa kan jiru qorichi aadaa qorannoo laabraatoorii sadarkaa duraa darbuun qorannoo laabraatoorii sadarkaa 2ffaatti ce’uu Dooktar Liyaan himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.