Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf daangaashee cufte

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf daangaashee cufte.

Daangaawwan biyyattii kallattii hundaan daddabarsa namootatiif cufaa kan turan ta’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad himaniiru.

Mootummaan weeraricha ittisuuf Birrii biiliyoona 5 ol ramaduus ibsaniiru.

Imaltoonni xiyyaaran gara biyyaa galan har’aa eegalanii guyyootii 14f tursa addaa akka turan murteen darbe hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Imaltoonni hundi baasii mataa ofiitin Hoteela Skaay Laayitii fi Hoteela Giyoon kan turan ta’uus Dooktar Abiy himaniiru.

Lammiilee baasii isaanii hin dandeenyef mootummaan baasii isaanii guutuu kan danda’u ta’uu itti aanaan kantiibaa Injiinar Taakkalaa Uumaan beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Guyyaa har’aa hojiin tamsa’ina vaayrasichaa ittisuu gamaaggameera.

Cufaatiin daangaa sochii dhiyeessii loojastiiksii hin dabalatu jedhameera.

Hawaasni fageenyasaa eegee akka socho’u kan gaafatame yammuu ta’u, Sanbataa fi Dilbata darbe manneen amantaa tarkaanfii ittisaa ga’aa akka hin fudhatin eerameera.

Abbootiin amantaa hordoftoota barsiisuun cinaatti tarkaanfii fakkeenyummaa qabu akka fudhatan Dooktar Abiy gaafataniiru.

Namoota iddoo tokkotti kan walitti qaban; manneen dhugaatii, manneen dhiichisa halkanii, manneen jimaarratti humni nageenyaa tarkaanfii akka fudhatuuf kallattiin kaa’ameera.

Waajjiraaleen mootummaa walga’ii akka hin gaggeessine qqoqqobbiin kaa’amuu baatus, of eeggannaa akka taasisan ergaan darbeera.

Hojjettoonni tuttuqqiirraa akka fagaataniif, gariin manaa akka hojjetan waliigalteerra ga’amuunis eerameera.

Kanaafis haalli ni mijata jedhameera.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti namoota 11 irratti kan argame ta’us, guyyoottan itti aananitti dabalu waan maluuf of eeggannaan akka taasifamu dhaamameera.

Baankiin Addunyaa fi eejansiiwwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dandammannaa diinagdee Afrikaatif Doolaara biiliyoona 100 ramaduu yoo hin dandeenye, diinagdeen aardichaa rakkoo keessa ni galas jedhan.

Kanaafis biyyoota miseensa 20 waliin sadarkaa hoggansaatti mariin gaggeeffamaa jira jedhan.

Tamsa’ina vaayrasichaa sababeeffachuun daldaltoota daballii gatii hin malle taasisan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimeet itti fufas jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.