Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Afrikaa Raashiyaa keessummeessuuf fedhii qabdu ibsite

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)-Ityoophiyaan bara Faranjootaa 2022 kan gaggeeffamuu yaa’ii Afrikaa Raashiyaa 2ffaa  keessummeessuuf fedhii qabdu ibsiteetti.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin sadarkaa Ambaasaaraatti bareessaa tumsaa fooramii Afrikaa Raashiyaa Oleeg Ozeeroov waliin mari’ataniiru.

Qophii yaa’ii Afrikaa Raashiyaa bara Faranjootaa 2022 Afrikaatti gaggeeffamuurratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaan hariiroo barootaa dheeraa Raashiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhiisheen qabdu barreessichaaf ibsaniiru.

Raashiyaan yaa’ichaa gaggeessuuf kaka’uumsa qabdu kan dinqisifataan obbo Dammaqaan, Ityoophiyaan yaa’ii Afrikaa Raashiyaa 2ffaa Finfinneetti qopheessuu fedhii qabdi jedhaniiru.

Oleeg Ozeeroov gama isaaniitin itti gaafatamummaa fi hojii waajjiraasaanii obbo Dammaqaaf ibsaniiru.

Dhaabbileen Afrikaa fi Raashiyaa waloon akka hojjetaniif waldaa tumsaa diinagdee hundeessuu ibsa isaaniin eeraniiru.

Kanarra darbe nageenyaa, kalaqaa teeknooloojii, qonnaa, humna, niwuukileera, fayyaa fi kanneen biroorratti tumsa qorannoo qaban irratti mari’ataniiru.

Sadrkaa Ambaasaaraatti bareessaan tumsa fooramii Afrikaa Raashiyaa Oleeg Ozeeroov Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Mooskootti daawwannaa akka taasisaaniif waamichaa dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.