Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaannonni 165 Libaanoosi deebi’aan

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – lammiileen Ityoophiyaa 165 Libaanoositti rakkoo adda addaa keessa turan gara biyyaa deebi’aniiru.

Waajjira Qonsoolaa waliigala Libaanoositti argamu waldaalee kominitii fi dhaabbileen deeggarsa taasisaan namoota dhuunfaa waliin ta’uun sanadaa imalaa isaanii fi dhimmoota biroo xumuruun kaleessa galgalaa gara biyyaa galaniiru.

Libaanoositti waldaan kominiitii Ityoophiyaa gama isaatiin iddoowwan dawoo, yaala, qorannoowwan vaayrasii koroonaa, nyaataa fi dhugaatii, maaskii, saanitaayizaraa akka argataniif qooda isaa bahateera.

Dabalataniis mannii amantaa, dhaabbbiilee tola oltoota, waldaalee, garee fi namoonni dhuunfaa deeggarsa taasisaniiru.

Lammiilee kanneen gara biyya isaanii akka deebi’aniif basiiwwan adda addaa uwwisuuf tattaffiin eegalame cimee itti fufuu qaba jedhameera.

Haaluma wal fakkatuun lammiileen Ityoophiyaa 155 torbee kana gara biyyaa isaanii akka deebi’aan ragaan waajjirri Qonsiila waliigala Libaanoos irraa arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.