Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni mana amala sirreessaa Moozaambiik keessa turan 32 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa mana amala sirreessaa Moozaambiik keessa turan 32 gara biyyaa akka deebi’an taasifamuu Priitooriyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.

Imbaasichi hojii dippilomaasii lammiileerratti xiyyeeffatee hojjetaa jirachuu ibsameera.

Kanaanis lammiileen Ityoophiyaa sababa daddabarsa namoota seeraan alaatiin gara Afrikaa Kibbaatti imalaa turan qaamolee nageenyaa Moozaambiikiin mana amalaa sirreessaa seenuu hordofee, qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuu fi dhaabbilee godaansa idil addunyaa Moozaambiik waliin mari’achuun akka hiikaman taasifamuu ibsameera.

Akkasumas lammiilee mana amala sirreessaa Zimbaabuuwee, Zaambiyaa akkasumas Naamiibiyaa keessatti argaman hiikuuf hojiin sanada imalaa hojjetamaa jiraachuu imbaasichi beeksiseera.

Lammiileen imala seeraan alaarraa akka of qusatanii fi qaamolee karaa seeraan alaa lammiilee daddabarsan gochasaaniirraa akka of eeggatan yaadachiifamuu ragaan Priitooriyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.