Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaarratti oduuwwan maddoonni isaanii fudhatama hin qabne hojjetamaa jiru-Ihaam Aliiv

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)- Ityoophiyaarratti oduuwwan maddoonni isaanii fudhatama hin qabne hojjetamaa jiru jechuun Preezdaantiin Azaarbaajaan Ihaam Aliiv ibsaniiru.

Preezdaantichi turtii BBC waliin taasisaniin, yeroo ammaa kana oduuwwan Ityoophiyaa ilaalchisee gabaafamaan fudhatama kan hin qabne ta’uu himuun dhimmichi BBC akka ilaallatuu hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan maddaa hin qabnee darbaa jiraachuus himaniiru.

Biyyisanii Azaarbaajaan fayyadamtoonni Interneetii % 80 jiraachuu ibsuu fi kunis walabummaan akka bu’uuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

Morkattoonnii fi dhaabbileen miidiyaas walabummaan akka hojjetaan mirkaneessaniiru.

Maddi:-TOI

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.