Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti adeemsa oppireeshinii nageenyaa ilaalchisee gamaaggamani gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti adeemsa oppireeshinii nageenyaa ilaalchisee gamaaggamani gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Gaamaaggamicharratti Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Jeneraal Abbabaaw Taaddasaa dabalatee hoggantoonni olaanoon naannolee fi Raayyaa Ittisa Biyyaa argamaniiru.

Akkaataa murtoo Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa dabarseen Ityoophiyaatti olaantummaa seeraa kabachiisuun sodaa yaaddoo nageenya uummataa dhabamsiisuuf, saaxilamummaa biyya keessaa diinota alaaf haalota mijatoo uuman hir’isuuf akkasumas nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf hojiin oppireeshinii nageenyaa eegalamuun isaa kan yaadatamudha.

Manni marichaa humnoota fedhii siyaasaa garaagaraa qabanii fi hidhatanii socho’an adda baasuunii fi bifa qabsiisuun, garee finxaaleyyii seeraan ala hidhatanii socho’an gara seera qabeessatti akka galaniif kallattii kaa’uu ibsameera.

Waltajjii gamaaggamaa kanaan adeemsa nageenya mirkaneessuu keessatti hojiileen hojjetaman gamaaggamamuun kallattiin kan kaa’amu ta’uu EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.