Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Indaastirii Sibiilaa ‘Woodaa’ daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon  Indaastirii Sibiilaa ‘Woodaa’ daawwataniiru.

Daawwannicharratti Komishinarri Komishinii Invastimentii Ityoophiyaa Lalisee Namee fi qaamoleen dhimmi ilaallatu argamuu ibsameera.

Daawwannicha boodas hoggantoota Indaastirichaa waliin rakkoolee adeemsa oomishaa muudatee fi haala babal’ina Proojektichaarratti mar’ataniiru.

Indaastiriin Sibiilaa ‘Woodaan’ magaalaa Sabbataatti kan argamu yoo ta’u, gulantaa sadiin  Doolaaraa miiliyoona 65 galii gochuuf karoorfatee socho’aa kan jiru ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi oomishaalee Sibiilaa sharafa alaa olaanaan galan guutumaan guutuutti hambisuuf hojjechaa kan jiru ta’uu ragaan Komishinii Invastimantiirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.