Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti balaalliin naannoo qilleensa taasifamuu kamiyyuu nageenyummaan isaa kan eegamee fi amansiisadha jedhame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti balaalliin naannoo qilleensa taasifamuu kamiyyuu nageenyummaan isaa kan eegamee fi amansiisa ta’uu Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshiinii Ityoophiyaa beeksiseera.

Gara buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleettis ta’ee balaalliin naannoo qilleensa Ityoophiyaa kamiyyuurratti taasifamuu nageenyummaan isaa kan eegamee fi amansiisa ta’uu ibsameera.

Waajjirri Abbaa Taayiticha dhaabbilee miidiyaa tokko tokkon balaalliin qillensaa Ityoophiyaa sodaa akka qabu taasifamee akeekkachisii laatamee fudhatamaa kan hin qabnee fi dhugaarra kan fagaatee ta’uu ragaan abbaa taayitichaarra argamee ni muul’dhisa.

Nageenyummaan naannoo qilleensa biyyattii fi daandii qilleensichaa eegamaa ta’uusaa fayyadamtootaaf mirkaneesseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.