Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoonni 700 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 700 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 10024 hojjetameen, namoota 700 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 13 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 1035 darbeera.

Haaraan kan dandamata 655 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 25,988.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 65,486 qaqqabeera.

Namoonni 280 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,461 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii miiliyoona 1fi kuma dhibba 1 fi kuma 57 fi 292 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.