Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoonni 959 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni dabalataa 959 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 8,101 kan hojjetame yoo ta’u, 959 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan735yoo dandamatan, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 33,060 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 8 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,222 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 44,535 keessaa 285 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.