Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti gosti vaayrasii koroonaa Deeltaa daraan hammataa ta’e haaraan muul’achuu ibsame

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti gosti vaayrasii koroonaa Deeltaa daraan hammataa ta’e haaraan muul’achuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddaasaan ibsa laataniin torbee lamaan darban keessaa lakkoofsi namoota vaayrsasichaan qabamuun kutaa wallaansa yaala cimaa keessa galanii fi lubbuun darbanii daraan dabluu ibsaniiru.
 
Gosti vaayrasii koroonaa haaraan kun namoota sadarkaa umrii hundarra jiran hunda kan miidhu, miira dhukkubbii cimaa fi saffisaan kan nama ajjeesu, keessattuu namoota talaallii hin fudhannerratti daraan kan hammaatu ta’uu himaniiru.
 
Ityoophiyaatti torbee darbe qofa namoota kuma 8 fi 300 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 118 darbuu ibsaniiru.
 
Namoonni hundi dhaabbilee fayyaatti argamuun talaallicha akka fudhatan hubachiisaniiru.

Hammii vaayrasichaan qabamuu % 1 ture gara % 20 ol guddachuu eeraniiru.

 

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.