Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 481 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – Qorannoo Laboraatorii sa’aa 24 darbeettin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 481 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa7773 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 481 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 95,301 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 867 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 43,089 yaalarratti argamu.

Namoonni 311 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 6 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,457 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.