Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 511 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 511 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 5884 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 511 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 94,128 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 818 dandamachuun ibsameera.
Namoonni 43,803 yaalarratti argamu.

Namoonni 314 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 8 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,445 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.