Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 536 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 536 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,538 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 536 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 92,229 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 858 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 44,709 yaalarratti argamu.

Namoonni 315 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 4 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,400 qaqqabeera.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 fi kuma 30 fi 043 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.