Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 665 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 665 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.
Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,569 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 665 irratti vaayrasichi argameera.
Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 87,834 qaqqabaniiru.
Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 640 dandamachuun ibsameera.
Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 41,628 qaqqabuun eerameera.
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 12 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,337 qaqqabeera.
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 83 fi 649 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.