Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 735 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 735 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 14 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,960f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 735 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 347 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 19,533 irratti argama.

Namoonni 346 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 14 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,293 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 153,541 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.