Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti yaa’iiwwan idil addunyaa gaggeeffamuun carraa bal’aa uumeera-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC)- Yaa’iiwwan Idil Addunyaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuun biyyoonni alaa hedduun gara Ityoophiyaa akka dhufaniif carraa bal’aa uumeera jechuun Ministirri Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Obbo Ballaxaa Mollaan ibsan.

Gamtaan Telekominikeeshinii Idil Addunyaa yaa’iiwwan garaagaraa sadii Ityoophiyatti gaggeessuuf Daayrektarri Biiroo Afrikaa Dhaabbatichaa An Ratal Aaneen ministeerichaaf gaaffii dhiyeessaniiru.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Ballaxaa Mollaan, yaa’iiwwan Idil Addunyaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuun guddina, maqaa gaarii, tuuriizimii koofiraansii biyyattiif gahee olaanaa akka qabuu fi carraa bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa carraalee koonfiraansii Ityoophiyaatti fiduuf hoggantoonni gamtichaa Ityoophiyaa filachuun fedhii isaanii ibsuu dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaan baatii Sadaasaa darbe Yaa’ii Bulchiinsaa Marsaiitii Idil Addunyaa 17ffaa qopheessite milkaa’aa akka ture eeruun, fuulduratti carraalee koonfiraansii gara Ityoophiyaa dhufan simachuun milkaa’inaan keessummeessuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Dayrtektarri Biiroo Afrikaa Dhaabbatichaa An Ratal Aaneen gama isaaniin, Ityoophiyaan kan keessummeessite Yaa’ii Bulchiinsaa Marsaiitii Idil Addunyaa 17ffaa milkaa’inaan keessumeessuu galateeffachuu fi dinqisifannaa isanii ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.