Fana: At a Speed of Life!

Jala bultiin Irreechaa Kutaalee Magaalaa Finfinneetti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Jalaa bultiin Ayyaanaa Irreecha Hora Finfinnee sirnoota garaagaran Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti kabajameera.

Saganticharratti Ambaasadarr Diinaa muftii dabalate Abbootti Gadaa, abbootti Amantaa, qarreewwan fi qeerroowwan akkasumas sabaafi sablammoonni biyyattii argamaniiru.

Jiraattoonni bulchinsa magaalichas Ayyaana Irreecha irratti hirmaachuufi qophii garaagaraa taasisa jiraachuu himaniiru.

Hojii Gaggeessan Olaanaa Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo Obbo Mulune Fayyisaa, irreechi sirna galateeffannaa Oromooti jedhan.

Hawaasni magaalicha ayyaana irreecha nagaan akka kabajuu fi bulchinsa hawaasa waliin marii garaagaraa taasiseera jedhaniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.