Fana: At a Speed of Life!

Jallisii bonee marsaa lamaan lafti heektaarri kumni dhibbi 6 qamadiin uwwifameera- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Jallisii bonee marsaa lamaan lafti heektaarri kumni dhibbi 6 qamadiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, qamadii jallisii boneen misoomerraa oomishni kuntaalli miiliyoonni 24 ni argama jedhamee kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa dhuunfaa ooyiruu  oomishaa bal’aa qabatanii oomishaalee garaagaraa oomishan deeggaruu fi bobbaasuun dhiyeessii oomishaa bal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Jallisii bonee fayyadamuun qamadii, kuduraalee fi muduraalee dabalatee midhaan garaagaraa misoomsuun dhiyeessii oomishaa bal’isuun dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Oomisha qamadii fi kuduraalee fi muduraaleen gabaa tasgabbeessuuf  bu’aa barbaadamu fiduuf rakkoolee namtolchee gabaarratti mul’atan hiikuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Misooma qamadii hojjetamaa jiru cimsuun bara itti aanutti hanga heektaara miiliyoona 1 qamadii jallisiin misoomsuun karoora  qamadii alaa galuu hambisuu guutummaa guutuutti milkeessuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.