Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Ababaaw Taaddasaan gita isaanii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Itti aanaan Eetamaajoor Shuumii Raayyaa ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaan gita isaanii Sudaan Kibbaa Leetinaal Jeneraal Tooy Chaaniyii Rooyiit waliin mari’ataniiru.

Jilli Itti aanaan Eetamaajoor Shuumii Raayyaa ittisa Biyyaa Jeneraal Ababaaw Taaddasaatin durfamu Juubaatti daawwannaa hoji gaggeessaa jira.

Jeneraal Ababaaw Taaddasaan gita isaanii Sudaan Kibbaa Leetinaal Jeneraal Tooy Chaaniiyii Rooyiitii fi garee isaanii waliin mari’achuu ragaan Sudaan Kibbaatti imbaasii Ityoophiyaarra argame ni muul’isa.

Michoonni Ityoophiyaa dhimmoota loojistikii fi ijaarsa dandeettirratti  michoota Sudaan Kibbaaf deeggarsa taasisuufi muuxannoo qoodachuuf akkasumas nageenyaa fi tasgabbii daangaa biyyoota lamaanii mirkaneessuuf waloon hojjechuuf waliigalaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.