Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Birihaanuu Juulaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Isiraa’eel waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Iitaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Isiraa’eel Allelinyi Admaasuu waliin mari’ataniiru.
Hariiroo waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii cimsuuf murtannoo qabaachuu Ambaadaar Allelinyi Admaasuun himaniiru.
Walitti dhifeenya Diinagdee, Siyaasaa fi dhimmoota nageenyaarratti waloon hojjechuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Ambaasaaddar Allelinyi Admaasuun miseensa Paarlaamaa Isiraa’eel kan turan yoo ta’uu, yeroo dhiyoo Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Isiraa’eel ta’uun muudamuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.