Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanachiin durfamu fooramii Inisheetiivii hoggansa kantibaawwan Afrikaarratti hirmaachuuf Keeppi Taawan gale

Finfinnee, Amajjii 14, 2015 (FBC) – Jilli Kantiibawwan magaalota Ityoophiyaa Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu fooramii Inisheetiivii hoggansa kantibummaa Afrikaarratti hirmaachuuf Afrikaa Kibbaa magaalaa Keeppi Taawan galeera.

Fooramiin Inisheetiivii hoggansa kantibummaa Afrikaa kun boruu eegalee guyyoota afuriif gaggeeffama jedhame.

Jilichaaf Piriitooriyaatti hoggantoonni Embaasii Ityoophiyaa, lammiileen Ityoophiyaa Magaalaa Keeppi Taawan keessa jiraatan simannaa hoo’aa taasisaniiru.

Hirmaannaan fooramichaa kantibaawwan magaalota Ardichaarraa walitti dhufan waliin muuxxannoo waljijjiiruu fi barnoota waliif dabarsuuf ta’uu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.