Fana: At a Speed of Life!

Jilli Atleetiksii maaraatoonii Landan 40ffaa irratti hirmate har’a ganama gara biyyaa deebi’e

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Jilli Atleetiksii maaraatoonii Landan 40ffaa irratti hirmate har’a ganama gara biyyaa deebi’eera.
 
Jilli maaraatoonii Landan sadarkaa Pilaatiniyeemii kennameef kana irratti hirmaachuun injifannoon deebi’e waayita buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Boolee ga’an simannaan gootaa taasiifameefira.
 
Simannaa kanarratti Koomaandar Atleet Daraartuu Tulluu dabalatee hoggantoonni olaanoon Federeeshii Atleetiksii Ityoophiyaa fi Waldaa Atleetiksii Ityoophiyaa akkasumsa leenjiftoonni hedduun argamaniiru.
 
Dorgommii dhuma torbee darbe Landanitti gaggeeffame kanaan dhiiran Shuraa Qixxaataa sadarkaa 1ffaa, Sisaay Lammaa sadarkaa 3ffaan xumuruun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.