Fana: At a Speed of Life!

Jilli daayreektara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Kibrasan Nagaashiin durfamu godina Jimmaatti daawwannaa hojii misoomaa taasiiseera

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC) – Jilli daayreektara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa obbo Kibrasan Nagaashiin durfamu godina Jimmaatti daawwannaa hojii misoomaa Bunaa aanaa Cooccoo, Kattaa Mulugaa fi aanaa Saqaatti qonnaan bultootaan misoome daawwateera.
Jillichi mata duree “coffee tour” jedhun oomishaa Bunaa aanaalee godinichaatti hojiiwwan qorannoo Bunaa Inistiityuutii qorrannoo Qonna Ityoophiyatti,jidduu gala qorrannoo Qonnaa Malkootiin hojjetamaa jiru dawwateera.
Akkasumas Masaraa Mootii Abbaa Jifaaris daawwateera.
Kaayyoon daawwannaa kanaa iddoolee argamaa Bunaa godinaa Jimmaa ,iddoowwan seena qabeeyyii fi qabeenya uumamaa godinichatti argamuu addunyatti beeksisuuf yaadamee ta’uu obbo Kibrasan Nagaash ibsaniiru.
Hawaasni godinaa Jimmaa % 80 ol jireenyi isaanii oomisha Bunaarratti kan hunda,e ta’uu isaan hojii Bunaa godinichaaf beekamtii laachuun walitti hidhamiinsa gabaa irratti hojjetamaa jiraachuu bulchaan godinaa Jimmaa obbo Abdulaki Muluun ibsaniiru.
Oomisha Bunaa biyyattiin alatti ergitu keessa godinni Jimmaa % 35 qooda qaba jedhan.
Dawwannicharratti hojjettoonni Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Federalaa, hojjettoonni Komishinii Tuurizimii Oromiyaa, hojjettoonni Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi qooda fudhatonni argamaniiru.
Gammachuu beekumatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.