Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu aanaa Faantaallletti Proojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu, aanaa Faantaallletti Proojektoota dandamannaa jiruu fi jireenya hawaasa Gammoojjii hojjetaman eebbisiseera.
Jilichi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Horsiisee Bulaa Fantaalleetti proojeektii dandamannaa jiruu fi jireenya hawaasa Gammoojjii keessatti hojjetamuun xumuraman Keellaa Fayyaa Beelladaa , Mana Kitaabaa fi oolmaa Daa’immanii Birrii miiliyoona 6 ijaaraman eebbiseera.
Sirna Eebbaa kanarratti Hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa argamani jiru.
Hawaasni Horsiisee Bulaa Aanaa Fantaallees ijaaramuun projeektotaa kanneeni rakkoo keenya nuuf fureera jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.