Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu hojiilee misoomaa garaagaraa Aanaalee Godina Wallagga Lixaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera misooma baadiyyaa mootummaa naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu hojiilee misoomaa garaagaraa Aanaalee godina Wallagga Lixaa daawwateera.

Jilli kun hojiilee misooma Bunaa fi biqiltuu bosonaa aanaa Haaruu fi Noolee Kaabbaa daawwateera.

Biqiltuu bara dhaabbatuuf boolli akkaataa saayinsiin qophaa’e daawwataniiru.

Godinichatti hojiin misooma Bunaa fi biqiltuu bosonaarratti hojjetamaa jiru aanaale biroo keessatti babal’achuu akka qabu hubachiisuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii godichaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.