Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Injinar Geetaahun Makuriyaan durfamu godina Iluu Abbaa Booritti mana barumsaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)-Jilli Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injinar Geetaahuun Makuuriyaan durfamu Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Haluutti, Mana Barumsaa Haluu Gammachiis sadarkaa 1ffaa daawwateera.

Dooktar Injinar Geetaahuun mana barumsichaaf  deeggarsa meeshaalee barnootaa garaagaraa  Birrii miliyoona 4tti siiqus taasisaniru jedhame.

Jilli kun mana barumsaa Haaluu sadarkaa 2ffaa daawwachuusaas ibsameera.

Lammii baratee fi qaroome horachuuf hundinu hojii baruuf barsiisuurrati xiyyeeffatee hojjechu akka qabu ibsuun,  hojiileen tajaajila lammuummaa manneen barnootaa keessati hojjetaman cimee itti fufuu qabas jedhaniru.

Bara barnoota 2014tti hojii baruu fi barsiisuu karaa prootokooli vaayrasii koroonaa eegeen eegalchiisuuf qophiin ga’aan tasifamuus ibsaniiru.

Itti aanaan hoogganaa  Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Walda Mikaa’eel gamasaaniitiin, Ministeerri Barnootaa bara 2013 keessa deeggarsa Birrii milliyoona 400 kan tasise ta’uu ibsaniiru.

Hojiin tajaajila lammuummaa manneen barnootaa keessatti hojjetamaa jiru, istaandaardii manneen barnootaa foyyeessuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu kan ibsan ta’uu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.