Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Tashoomaan durfamu kutaa magaalaa Sulultaatti hojii qonna magaalaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 25, (FBC) – Jilli sadarkaa Itti Aanaa pireezidaantiitti kantiibaa Magaalaa Saggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu kutaa magaalaa Sulultaatti hojii qonna magaalaa daawwateera.

Daawwannaa kanaan hojiin horsiisa loon aannanii qonnaan bultoota gara Invastimantiitti ce’anii ilaallameera.

Aanaa Wasarbiittis ooyiruu qonnaan bultoota waldaan gurmaa’uun jallisii bonaan qamadii misoomsaa jiranii daawwatameera.

Dargaggoonni waldaan guramaa’an kunniin lafa heektaara 9 caaluratti waldaan gurmaa’uun jallisii bonaan qamadii misoomsaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.