Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee abbootii qabeenyaa Sudaan naannoo Tigraay daawwachaa jiru

Finfinnee, Bitootesaa 4, 2012 (FBC)- Jilli garee abbootii qabeenyaa Sudaan naannoo Tigraay daawwachaa jiru.

Jilichi torbee tokkoof turtii taasisuun filannoo invastimantii akka naannichaatti jiru ni daawwata jedhameet eegama.

Dabalataanis abbootiin qabeenyaa kunneen misooma invastimantii garaagaraarratti akka bobba’an hoggansa naannichaa waliin ni mari’atama.

Abbootiin qabeenyaa kunneen Sudaanii fi biyyota giddugala bahaa biroo keessatti hojiiwwan invastimantii garaagaraarratti bobba’aanii hojjechaa jiru jedhame.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.