Fana: At a Speed of Life!

Jilli garee obbo Dammaqaan durfamuu sadarkaa hidhi haaroomsaa guddichii irraa gahee daawwachuuf Guubaa galan.

Finfinnee, Caamsaa 30, 2012 (FBC) – Jilli garee itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan durfamuu guyyaa har’a ganama sadarkaa hidhi haaroomsa guddichi irraa jiru daawwachuuf Guubaa galan.

Daawwicharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw dabalatee Ministirri ministeeraa Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa, Itti gaafatamaan Waajjira Prees Sakreetarii muummee ministiraa obbo Nugusuu Xilaahuun, ministirri Ministeera Innooveshiinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay akkasumaas Amaasaaddaar Girmaa Birruu fi obbo Taklawald Axinaafuu irratti hirmaataniiru

Ijaarsi hidhicha wayita ammaa kana aariifataa akka jiru Ministirri ministeeraa Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa kan ibsan yoo ta’u, ganna kana biishaan qabachuu akka danda’uus ibsaniiru.

Hanga Xumura isaatti waanti boodatti nu deebisuu hin jiru kan jedhan Dooktar Injinar Silashiin,hojiileen sibiilaa, dhaabbii ulaa dabarsaa bishaan gurguddaa, dhaabbii jenereetaraa fi tarbaayinii hojiileen biroon akkaata karooraa isaaniin raawwatama jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.