Fana: At a Speed of Life!

Jilli gorsaa addaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaan durfamu hidha Haaromsaa Guddicha daawwate

Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Jilli gorsaa addaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Koong Tiiptiip Gaatiluuwaakiin durfamu hidha Haaromsaa Guddicha daawwateera.

Jilichi mooraa Yuunvarsiitii Nageenyaafi Odeeffannoo keessatti biqiltuu dhaabuus eerameera.

Dabalataanis hojiilee riifoormii Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI daawwachuufi guyyoota ittaanan lameenitti ammoo dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii ni daawwatu jedhameetu eegama.

Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa naannawichatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuufi shororkeessummaa ittisuuf walta’iinsa gamlamee qaban cimsuuf waliigalteewwan ni mallatteessu jedhamee akka eegamu Tajaajilli Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa ibsa miidiyaaleef ergeen eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.