Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Zaambiyan durfamuu Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwate

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Jilli Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Zaambiyaa Meejer Jeneraal Ji’oofar Chongiin durfamu Yuunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwate

Daawwannichaan hojiilee baruu fi barsiisuu, qorannoo fi qo’annoo yuunivarsiitichi gaggeessa daawwataniiru.

Meejer Jeneraal Ji’oofar Chongiin haasawaa taasisaniin Itiyoophiyaan teessoo Afrikaanotaa ta’uu fi Afrikaanonni ga’umsa Afrikaanotaaf walta’iinsaan hojjechuun, milkaa’ina jijjiirama dhaabbatummaa, biyyootaa fi ardittii mirkaneessuu akka qaban hubachiisan.

Biyyoonni lameenis dameewwan loltummaa garaagaraarratti xiyyeeffachuun hojjechuun teeknooloojii loltummaa ammaayya’aan, leenjii, qorannoo fi qo’annoon mirkaneessaa bu’aa isaas saffisaan fayyadamuu qabu jedhan.

Gurmaa’iinsa raayyaa cimaan kan beekamtu Itiyoophiyaan Humna Raayyaa Ittisaa ishee ammayyeessuuf adeemsa baruu fi barsiisuu, qorannoo fi qo’annoo gaggeessituu dinqisiifataniiru.

Yuunivarsiitichi sagantaalee barnootaa garaagaraa kennurratti waloon kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Komaandantiin Yuunivarsiistichaa Birgadar Jeneraal Kabbadaa Raggaasaa ibsa jilichaaf kennaniin, yuunivasiitichi humna raayyaa teeknooloojii hidhate biyyattiin barbaaddu mirkaneessuuf sagantaa gabaabaa hanga digirii sadaffaatti barnoota kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Leenjii fi barnoonni yuunivsriitichi kennu biyyootaa Afrikaa garaagaraan filatamaa ta’uus kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.