Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa Poort Sudaan daawwate

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Geejibaa FDRI aadde Daagmaawiit Moogasiin duurfamu Poort Sudaan daawwate.
 
Jilichaan preezdaantii naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah dabalatee hoggansi boroon hammatamaniiru.
 
Gama Sudaanin ammoo mnistir deettaan Ministeera Bu’uuraalee Misoomaa fi Geejibaa Oomaar Ahimad Mohaammadii fi daayreektar janaraalli Koorporeeshinii Buufata Sudaan Jeneraal Oonoor Muusaan argamaniiru.
 
Jilichi buufata Sudaan alergii fi meeshaalee alaa gara biyyaa galfamaniif fayyadamuurratti mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaan buufatichatti akka fayyadamtu Sudaan deeggarsa barbaachisaa mara kan taasistu ta’uu hoggansi biyyattii beeksisaniiru.
 
Mootummaan Sudaan bara Faranjootaa 2003 Ityoophiyaan loojastiiksiif akka fayyadamtu lafa kaaree meetira 875,000 dhiyeenya buufatichaatti laachun isaa ni yaadatama.
 
Yaata’uutii amma ammaatti walharkaa fuudhinsi waan hin raawwataminiif hojiirra hin oolle.
 
Hojiirra oolmaa isaarrattis mari’atanii waliigalteerra ga’ameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.