Fana: At a Speed of Life!

Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Biloo Noophaatti  Proojektoota misoomaa daawwate

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) –Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Biloo Noophaatti ijaarsa Proojektoota misooma jallisii fi oomishaalee biqiltuu adda addaa daawwatameera.

Jilli Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa Dura Teessuu Koree Dhaabbii Dhimmoota Hawaasummaa aadde Alamnash Asfaawuun durfamu aanaa Biloo Noophaa gandoota Seemmanoo fi Aabbuu keessatti oomisha biqiltuu Avokaadoo, Anaanaasii, Muuzii fi Bunaa daawwateera.

 

Oomishaaleen kunniin  diinagdee qonnaan bulaa utubuun cinaatti hojii dhabdummaa xiqqeessuu keessatti ga’ee guddaa taphachuu fi muuxannoon  kun Aanaalee godinichaa hunda keessatti babal’achuu akka qabu Aadde Alamnash himaniiru.

 

Kanamalees, hojii ijaarsa jallisii laga Yabaloo Gosoo irratti Birrii miiliyoon 4 fi kuma dhibba 7n hojjetamaa jiru daawwataniiru.

 

Proojektiin kun lafa heektaara 350 akka misoomsuu fi abbootii warraa 220f tajaajila laachuu akka danda’uu ibsameera.

 

Dabalataan proojektiin  ijaarsa waajjiraalee, keellaa fayyaa guddattuu xumuuramanii fi haala baruu fi barsiisuu aanichaa dabalatee hojii sululaa fi misooma magariisummaa Aanicha keessatti hojjetaman jajjabeessa ta’uun koreen kun daawwateera.

 

Daawwannaa booda miseensonni korichaa hooggansa Aanichaa waliin marii  taasiisaniiru.

 

Komiin hawaasni darbee darbee waliin gahiinsa bu’uuraalee misoomaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti qaban furamuu akka qabu aadde Alamnash dhaamaniiru.

 

Nageenya waaraa fiduuf hooggansi aanichaa qindoominaan hojjechuu akka qaban aadde Alamnash kallattii kaa’uu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.