Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Qonnaa obbo Umar Huseen durfamu sadarkaa weerara Awwaannisa gamoojjii Afaar daawwate

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (Fbc) -Jilli Ministira Qonnaa obbo Umar Huseenii fi Bakka bu’aa Dhaabbataa Nyaata Addunyaan durfamu sadarkaa weerara Awwaannisa gammoojjii naannoo Afaar daawwateera.
 
Jilichi hojiiwwan weerara hoomaa Awwaannisa gammoojjii Ittisuuf hojjetamaa Jiru daawwataniiru.
 
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen hoomaan Awwaannisa gammoojjii naannoo Afaar aanaalee 24 keessatti muul’achuu ibsaniiru.
 
Weeraricha ittisuu fi too’achuuf hojiileen eegalaman cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
 
Dhaabbileef qaamoolee dhuunfaa weeraricha ittisuuf gumaacha olaanaa taasisan galateeffataniiru.
 
Bakka bu’aan Dhaabbataa Nyaata Addunyaa, Faaxumaa Sayid gama isaaniin weerara hoomaa Awwannisaa ittisuuf qaamni Hundi qooda isaa bu’aa qab jedhan.
 
Hoomicha balleessuuf xiyyeeffannoon yoo hin hojjetamne miidhaa guddaan qaqqabuu danda’a jedhan.
 
Rakkicha furuuf Ministeera Qonnaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
 
Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.