Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri deeggarsaa hoggansa Jijjiiramaa Godinaalee Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Hiriiri Deeggarsaa hawaasa Godinaalee Wallaggaa 4 hirmachise magaalaa Naqamtee Istaadiyeemii Wallaggaatti gaggeeffamaa jira.

Hawaasni godinaalee Wallagaa hiriira ba’uun deeggarsa Hoggansa Jijjiiramaaf qaban ibsachuuf dhaadannoowwaa garaagaraa dhageessaa jiru.

Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo fi Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni Olaanoon Mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa hiriiricharratti argamaniiru jedhame.

Hiriirichi dhaadannoowwan ”Wallagga Dirree Nageenyaafi Badhaadhinaati!, Nageenya Keenya tikfachaa Injifannoo keenya Waaressina!, Daandii Nageenyaafi Dhiifamaatiin Hunduu Injifataadha!, Ajandaan Keenya Misoomaa fi Badhaadhina!,Aarsaa Kamuu Kaffallee Jijjiiramicha Waaressina!” jedhamaniin gaggeeffamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.