Fana: At a Speed of Life!

Jilli mootummaa naannoo Oromiyaa Sudaanitti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Jilli mootummaa naannoo Oromiyaa hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Dhaabaa Dabaleetin duurfamu, Sudaanitti hojiilee misoomaa daawwate.
 
Jilichi dhaabbilee Daal Gruup jala jiran; Sudaanitti dhaabbilee oomisha aannaniitin beekaman Daal Fuuds Indastirii, Kaappoo Braandii fi Warshaa Daakuu Saaygaa daawwateera.
 
Dabalataan waldaalee hojii gamtaa aannan, nyaata horii oomishanii fi dhiyeessanis daawwateera.
 
Obbo Dhaabaan carraalee invastimantii naannoo Oromiyaarratti ibsa laataniiru.
 
Dhaabbileen kanneen Ityoophiyaatti invast akka godhan waamicha dhiyeessanii, mootummaan tumsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu eeraniiru.
 
Daal Gruup hojiilee oomisha dhugaatii, awtomootivii, maanufaakchariingii maashinarii ijaarsa gamoo, qonna, gaazii inarjii, albuuda, fayyaa fi barnootan beekamaadha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.