Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abarraa Warquun durfamu godina shawaa kibba lixaatti hojii qonnaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Jilli hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Abarraa Warquun durfamu aanaalee godina shawaa kibba lixaatti hojii qonnaa daawwate.

Jilichi misooma kilaastara xaafii fi qamadii aanaalee Walisoo fi Gooroo keessatti argaman daawwateera.

Sagantaa daawwannaa kanarratti seektaraaleen qonnaa godinaalee Oromiyaa addaa addaa fi aanaaleen godinichaa hundi kan hirmaatan yoo ta’u, waan argan irraa muuxxannoo isaan fayyaduufi galanii irratti hojjachuuf dandeessisu argachuu eeraniiru.

Hoggannaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu inisheetivoota ykn sosochiiwwan qonnaa ceesisuuf hojiirra oolaa jiru keessaa kilaastarri tokko ta’uu eeruun, akka naannichaatti lafti heektaarri miliyoonni 4.3 kilaastaraan misoomuu ibsaniiru.

Bara oomishaa darbe lafti heektaarri miliyoona 6.3 oomisha garaagaraan uwwifamuu kan himan Obbo Abarraan yaadachiisaniiru.

Milkaa’ina hojii misooma waqtii gannaan arganne qamadii jal’isii bonaa hojjatamuuf karoorfamenis dabaluun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Bulchaan godina shawaa kibba lixaa Obbo Taayyee Guddisaa gamnasaaniin, godinichaatti lafti heektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 28 kan misoome yoo ta’u, kanneen keessaa % 75 ol kilaastaraan misoomuu himaniiru.

Kana malees ji’ootan itti aanu keessatti qamadii lafa heektaara kuma 30 ol irratti misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.