Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu Magaalaa Naqamteetti hojilee misoomsa daawwate

Jilli Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu Magaalaa Naqamteetti hojilee misoomsa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015(FBC)- Jilli Sadarkaa ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluutiin durfamu, Giddugala Oolmaa Dargaggootaa Magaalaa Naqamtee Birrii miiliyoona 108’n ijaaramaa jiruu fi hojii qonna Magaalaa Naqamtee daawwate.

Giddugalichi bakka dargaggoonni itti bashannanan qofa utuu hintaane bakka beekumsa saayinsii fi teeknooloojii itti argatanii akkasumas bakka tokkummaa fi jaalala cimsachuuf faayidaan olaanaa qaba jedhan.

Pirojektichis qulqullina isaa eeggatee yeroon qabameef keessatti akka xumuramuuf dargaggoonnifi hawaasni magaalichaa deeggarsa taasisuu qaba jedhaniiru.

Giddu galli dargaggoota Magaalaa Naqamteetti baajata sagantaa UIIDP’n Birrii miiliyoona 108 oliin hojjetamaa jiru kun, yeroo ammaa %75 irra gahuu fi baatiwwan lamaan dhufan keessatti xumaramuun tajaajilaaf akka qophaa’an ibsameera.

Galaanaa Tasfaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.