Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu Haroo Dandiitti biqiltuu dhaabe

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Jilli hogganaa Biiroo Qannaa fi Qabeenya Uumamaa naannoo Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu Haroo Dandiitti hawaasa waliin ta’uun dhaabaniiru.

Naannoo Haroo Dandii fi Wanciitti biqiltuu biyya keessaa 34,000n misoomsuun naannoo harichaa hawwata tuuriizimii taasisuuf hoggantoota sadarkaa naannoo, Federaalaa fi hawaasa naannoo harichaa jiraatan waliin dhaabameera.

Kaayyoon dhaabbii biqiltuu kanaas misooma akka biyyaatti haroo kanarratti taasifamaa jiru qabeenya uumamaatiin badhaasuun madda diinagdee gama tuuriizimiitiin eegamu milkeessuuf ta’uu Obbo Dhaabaan ibsuu ragaan Biiricharra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.