Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Jimmaa Aanaa Dedootti misooma qamadii jallisii daawwate

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Jilli Itti aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiriin durfamu Godina Jimmaa Aanaa Dedootti misooma Qamadii Jallisii daawwateera.

Qamadin Aanichatti Jallisiin misoomaa jiru abdaachisaa ta’uu Bulchaan Aanaa Dedoo Obbo Fadiluu Zakiir dubbataniru.

Bara kana Aanaalee Godina Jimmaa hunda keessati lafa heektaara kuma dhibba 2 fi kuma 51irratti Qamadiin Jallisiin misoomaa jiraachuu Itti gaafataman Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Mahammadxaahaa Abbaa Fiixaa himuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.