Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Masfin Malaakuun durfamu magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti qindeessaa kilaastera Magaalaa Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuutiin durfamu magaalaa Baatuutti hojiilee misoomaa daawwateera.

Hojiileen Qonna magaalaa,Magariisummaa magaalaa,Ijaarsa manneen barnootaa bu’ura boruu fi carraa hojii uumuutiin akka magaalattiitti hojjataman daawwatamanii jiru.

Hojiileen Qonna magaalaa,Magariisummaa magaalatiin hojjatamee fi tattaaffiin bulchiinsi magaalattii Haroo Dambal misoomsuun magaalattii giddugala Turiziimii taasisuuf hojjachaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu obbo Masfin Malaakuu Ibsuun,hojiin teeknoloojiin deeggaruun tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ummataaf kennuu garuu xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.